Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Wal Diddaan barattoota Oromoo Yunivarsitii Baahir-daar fi sirna Wayyaanee gidduutti dhalate jabaatee itti fufuun, barattoonni Oromoo 2 barnoota irraa ar’aman.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 3,2009) Maddeen keenya akka gabaasanitti ergamtoonni badii sirna Wayyaanee walitti bu’insi barattoota Oromoo fi saboota biroo gidduutti uumuuf yaalan waan jalaa fashaleef barattoota Oromoo lama dharaan yakkanii barnoota irraa arii’an.

Dabballoonni Wayyaanee Yunivarsiticha keessa jiran barattoota Oromoo fi saboota biroo walitti busuuf shira garaa garaa xaxaa kan turan oggaa tahu, jabina barattoota Oromootiin walitti bu’insi kun milkaawuufii waan dideef barattoota Oromoo lama barnoota irraa ari’aniiru.

Barattoonni Oromoos qaamni maqaa saba keenyaa xureessuun nu arrabse seeratti haa dhihaatu jechuun waajjira Pirezidantii Yunivarsitichaa fuulduratti bahaanii mormii dhageessaa kan turan si’a tahu, OPDOn humnoota maqaa Oromoo xureessan bira dhaabbattee barattoota Oromoo doorsisuuf yaaltus barattoonni Oromoo salphisanii of irraa ar’uu isaaniitu gabaafame.

Haaluma kanaan Guraandhala 27,2009 barattoota Oromoo lama irratti murtii dabaa dabarsuun barnoota irraa ar’anii jiran. Kana malees barattoota biroo barnoota irraa ugguruufis qindeeffataa akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru.  

Adeemsa seeraa hin taane Yunversitichi raawwataa jiruu fi maqaa saba Oromoo xureessuuf badii dalagame mormuuf barattoonni Oromoo nyaata lagachuun mooraa yunivarsitichaa gadhiisanii bahuuf wayta jedhan humni waraanaa Wayyaanee mooricha weeraruun barattoota Oromoo irratti reebichaa akka raawwatan oduun nu gahe ifa godha. Mormiin barattoota Oromoo kun gara barattoota saboota biroottis tarkaanfataa akka jiru maddeen dabaluun gabaasaniiru.

Barattoonni Oromoo barnoota irraa ar’aman, Abdii Hasan barataa gaazzexeessummaa (Journalisim) waggaa 3ffaa fi Guddataa Takluu barataa antiropoljii waggaa 1ffaa akka ta’an gabaasaan nu dhaqqabe ifa godheera.

Tarkaanfiin kun Oromoon akka gaaffii mirgaa hin gaafanne tarkaanfii haamilee cabsuuf fudhatamee dha kan jedhan barattoonni Oromoo Yunivarsitii Bahir Daar barattootnii fi ummanni Oromoo akka nuuf dirmatu jechuun dhaammataniiru.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net